Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif Uummata Oromoo biyya keessaafi alaa,Abbootii aaksiyoona waldaa keenyaa,Hojjettootaafi Barattoota Manneen Barnootaa Waliif maraan baga Ayyaana Irreechaa bara 2015 nagaan geessan isiniin jedha.

Ayyaanni Irreechaa sirna dhugeeffannaa Oromoo ganamaa, keessaa madde adeemsa keessa dagaagee aadaalee calaqqee Sirna Gadaafi utubaalee eenyummaa uummata Oromoo calaqqisiisan keessaa isa olaanaadha.

Kabajni ayyaana Irreechaa qabsoo uummanni Oromoofi sabboontonni qabsoo Oromoo gaggessaniin har’a utubaa tokkummaafi mallattoo eenyummaa keenyaa ta’uu danda’eera.

Kana malees,ayyaanni Irreechaa waltajjii uummanni Oromoo kaabaa hanga kibbaa,baha hanga dhihaa akkasumas keessaafi alaa walitti dhufuun aadaafi eenyummaa isaa addunyaatti calaqqisiisu ta’eera. Kana gaafa jennu, ayyaanni Irreechaa dhiibbaa irratti raawwatamaa tureen duuba qabsoo abbootiin keenya uummanni Oromoo akka baratuuf taasisaniin, warri carraa barnootaa argatemmoo guddina aadaa,amantaafi eenyummaa ofiif shoora olaanaa taasisaniin kan deebi’e ta’uu dagatamuu hin qabu.

Bu’uuruma kanaan, Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif faalasama Sirna Gadaa hundee taasifachuun dhaloota eenyummaa isaan boonuufi guddisu oomishuuf sabboontota quuqama qabaniin hundaa’ee erga hojiitti seenee ganna ja’aa lakkofsisee jira.

Waldaan Aksiyoona barnoota waliif Yeroo ammaa kana Godinaaleefi Magaalota Naannoo Oromiyaa 12 keessatti Manneen Barnootaa banuun Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziin barnoota qulqullina qabu KG irraa hanga kutaa 8ffaatti barsiisaa jira. Kana malees, Magaala Finfinnee dabalatee Magaalota Oromiyaa hundatti Mana Barnootaa banuuf sochii taasisaa kan jiru yoo ta’u,yeroo ammaa kana Magaalota akka Shaakkisoo, Baatuu,Amboofi Sabbataatti ijaarsa Manneen Barnootaa eegalee jira.Haaluma kanaan, Magaalota akka Bishooftuu,Lagaxaafoo,Hoolota,Moojoofi Jimmarraa lafa Mana Barumsaa irratti ijaarratu argatee kan jiru ta’ee, Magaalota akka Bulee Horaa,Sabbataafi Naqamteettimmoo bituun sochii ijaarsaafi babal’ifannaa Manneen Barnoota Waliif ciminaan itti fufee jira.

Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif irra deebiin Uummata Oromoo maraan Baga Kabaja Ayyaana Irreecha bara 2015 Fulbaana 21fi 22 walduraa boodaan Finfinneefi Bishooftuutti kabajamuun isin gahe jechaa aadaan, duudhaaleefi safuun Oromoon qabu akka guddatuufi dagaaguuf, dhaloonnis duudhaalee Oromummaa irraa barachaa itti guddatuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun barsiisaa jira. Kana malees Abbootii Aksiyoona keenya dinagdeen humnoomsuuf carraaqqii guddaa taasisaa namootaafi dhaabbiilee fedhii qabaniif ammoo yeroo gurgurtaa sheerii dheeresse gurguruutti jira.

Irreechi Irreecha Nagaa, Milkii, Jaalalaafi Tokkummaan keenya itti dagaagu akka nuuf ta’u hawwina.

Waldaa Aksiyoona Barnoota Waliif

Fulbaana, 20/2014

Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *