Waliif Education SC

Haaromsa Caasaa Hooggansaa

01 Nov 2022
Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa ta’e kennuun Manneen Barnootasaa keessatti qulqullina barnootaa caalmaan mirkaneessuuf Caasaalee hojiisaa haroomsuu Hojii Gaggeessaa Olaanoofi Hundeessaan Waldaa Aksiyoona Barnoota Waliif Obbo Gololcha Baallii Ibsan.
Waldaan Aksiyoona Barnoota Waliif Godinaaleefi Magaalota Naannoo Oromiyaa 12tti Manneen Barnootaa Dameelee 12 banuun Afaan Oromoofi Afaan Ingiliziin barnoota qulqullina qabu barnoota Idilee Duraa/KG irraa hanga kutaa 8ffaatti barsiisaa kan jiru yoo ta’u, Qulqullina Barnootaa caalmaan fooyyessuufi Itti dhiyeenyaan hoogganuuf caasaalee hojiisaa kilaastera bulchiinsaa gurguddoo sadii; Damee/Kilaastera Giddugaleessaa,Damee/Kilaastera Kibbaafi Damee/Kilaastera Dhihaatti qooduun Hojii Gaggeessaa Olaanaa jalatti,Manaajeroota Torbaafi Dareekteroota Waajjira Muummee jalatti dalagan Kudhaniifi Dareekteroota Manneen Barnootaa Idileen Duraa 12fi Sadarkaa 1ffaa’f 12,Walumatti Dareekteroota 24 uumuun hojjechaa jiraachuu Obbo Gololchi ibsaniiru.
Haaluma Kanaan Damee/Kilaastera Giddugaleessaa jalatti; Manneen Barnootaa Waliif Sabbataa, Lagaxaafoo,Bishooftuufi Amboo, Obbo Mulgeetaa Riqituu;
Damee/Kilaastera Dhihaa jalatti ; Manneen Barnootaa Waliif Naqamtee 1,Naqamtee 2, Gimbii, Baddalleefi Jimmaa,Obbo Taammiruu Hayilee;
Damee/Kilaastera Kibbaa jalatti; Manneen Barnootaa Waliif Bulee Horaa, Shaakkisoofi Baalee Obbo Gaddisaa Tumsaan akka Hoogganaman taasifameera.
Kana malees, Waajjira Muummeetti Hoogganaa Damee Mala Guddinaafi Dagaagina Gabaa Obbo Dirribsaa Daamxee, Damee Tajaajila Qindaa’aa Adde Siinboonnee Guddataa, Damee Bulchuinsa Humna Namaa Obbo Ojee Imaanu’eel, Damee Dhimma Barnoota Obbo Eli’aas Olikaa ta’uun muudamaniiru.
Hojii Gaggeessitoota Dameelee Haaraa Uumamaniifis qacarriin taasifamuun leenjiin kennameera. Kana malees Magaalaa Adaamaa dabalatee Magaalota baha Oromiyaa jiranitti Dameelee isaa babal’isuuf Yeroo ammaa kana Waajjira isaa Magaalaa Dirree dhawaatti saaquun kaadhimamaa PhD Huseen Mahaammedsaani ramaduun hojiif haala mijeessuurratti argama.
Waldichi Abbootii Aksiyoona Waldichaa Yeroo dhihootti Yaa’ii Waliigalaa waamuufis qophii taasisaa jiraachuun ibsameera.
#Odeeffannoo dabalataaf
Karaalee toora ;
Email; givehopeto3g@gmail.com
Facebook; Waliif Education Share Company
Telegram; https://t.me/walifedu,nu hordofaa.
#Koottaa Waliin Wayyaa!
#Better Together